Technology

​Microsoft fi Claude Code: Gatii AI Hojii Keessatti Qabu irratti Wal-dhabdee Mudate

Microsoft, hariiroo Claude AI faana qabu sababa qaala'iinsa maallaqaaf adda kutuuf deema

AlifXperience

Author

May 27, 2026
1 min read
105 views
Share
​Microsoft fi Claude Code: Gatii AI Hojii Keessatti Qabu irratti Wal-dhabdee Mudate
Loading sponsor...

Dhaabbanni Microsoft yeroo dheeraaf AI irratti invast godhaa ture keessaa tokko dha. Garuu gabaasni yeroo ammaa ba’e akka jedhutti, dhaabbatichi hojii keessootti fayyadamaa kan ture “Claude Code” irratti hojii dhaabuuf murteesse jechuun marii guddaa uumeera. Sababni isaa immoo baasii hojii AI sun uumu, keessumaa token-based pricing irraa ka’ee, hojii namoota bakka bu’u jedhamee eegamaa ture caalaa qaala’aa ta’uu isaati. Kun dhaabbilee hedduuf gaaffii guddaa uuma: “AI’n hojii salphisa moo baasii dabalataa uuma?”

Loading sponsor...

Dhugaan jiru, dhaabbileen yeroo baay’ee AI akka furmaata saffisaa fi rakkoo humna namaa hir’isuutti ilaalu. Garuu yeroo hojii guddaan guyyaa guyyaatti AI irratti hirkatu, baasii API, token, cloud infrastructure fi security suuta suuta ol ka’a. Kana jechuun AI fayyadamuun qofti bu’aa hin ta’u; sirnaan bulchuu fi hojii barbaachisaa irratti qofa fayyadamuun murteessaa dha. Dhaabbileen hedduun yeroo ammaa “AI hype” irraa gara “AI efficiency”tti ce’aa jiru.

Loading sponsor...

Also Read

VIVO V50: Bilbila Suuraaf uumame

VIVO V50: Bilbila Suuraaf uumame

Loading sponsor...

Dhimmichi Microsoft qofa miti. Kun akeekkachiisa dhaabbilee addunyaa maraaf. Yoo AI hojii hundatti seensisan malee ROI (Return on Investment) sirriitti hin shallagine, baasii isaanii dabaluu danda’a. Hojii coding keessatti illee AI’n saffisa dabalu danda’a; garuu yeroo developeronni AI irratti guutummaatti hirkatan, token consumption fi repetitive generation baasii olaanaa uuma. Kanaaf yeroo ammaa dhaabbileen tokko tokko AI akka “assistant”tti malee akka “replacement”tti ilaaluu irraa deebi’aa jiru.

Loading sponsor...

Barnootni guddaan keessaa tokko: Teeknooloojiin haaraan hundi yeroo jalqabaatti abdii guddaa fida, garuu yeroo hojii dhugaa keessatti seenu, efficiency, scalability fi cost control murteessaa ta’a. AI’n hojii namaa guutummaatti bakka bu’a jechuun yeroo ammaa irraa ilaalchisee ariifachiisaa fakkaata. Dhaabbanni milkaa’u AI fi humna namaa walitti makuun, bakka sirrii irratti fayyadamuun, baasii fi bu’aa madaaluun hojii geggeessu danda’u dha.

Comments (0)

No comments yet. Be the first!

Leave a Comment

More from this category

Loading sponsor...