Akka daldalaa forex Ethiopia keessa jiruu tokkotti, gabaa faayinaansii addunyaa keessa galuun danqaa fi qormaata guddaa akka tahe nan beeka. Danqaan kun inni haala kafaltii faayinaansii biyya keenyaati. Sababa kanaaf namoonni hedduun crypto fayyadamu. Barreeffama kana keessattis danqaa fi qormaata kana keessa haala kamiin darbuu akka dandeessanii fi daldala forex keessaniif kan faddaalota/Brokers amanamoo sadan an yeroo hundaa fayyadamu isiniif qooda.
Birookeronni an isiniif qooduuf deemu kunneen haala daldalaa cimaa/robust trading/ ta’e dhiyeessuu qofa osoo hin taane deeggarsa kirpitoo fi tajaajila gaarii warra kennaniidha. Kafaltii fi baasii keessattis saffisoo warra ta'aniidha. Mee bal'inaan haa ilaalluu.
Haalli maallaqa biyya keenya Itoophiyaa addaa dha. Baankiiwwan biyya keenyaa yeroo tokko tokko rakkoo fi daangaa qabaachuun daldala addunyaa irratti hojjechuuf guutumatti rakkisoodha. Garuu cryptoon fala amansiisaa, saffisaa, fi salphaa ta’e dhiyeessa. Kun ammoo, daldaltoota forex biyya keenyaa hedduuf carraa maallaqa isaanii saffisaan argachuuf fi bu’aa argamsiisuuf karra banee jira.
Exness addunyaa forex keessatti faddaala humna guddaa qabu yoo ta'u, tasgabbii, haala daldalaa cimaa, fi deeggarsa maamiltootaa gaarii ta'een beekama.
Fusion Markets baasii daldalaa baayyee gadi aanaa fi gatii iftoomina qabuun beekkama. Keessattuu daldaltoota biyya keenyaaf hawwataa kan isaan godhu kirpitoo dabalatee karaalee kaffaltii adda addaa dhiyeessuu beekkamu. Kafaltii koo suuraa kana irratti ilaaluu dandeessu.

FBS faddaala forex addunyaa irratti beekamtii qabu yoo ta’u, dhaqqabummaa fi meeshaalee daldalaa bal’aa ta'e dhiyeessuun jaallatamaadha. Daldaltoota forex biyya keenyaaf FBS karaalee kafaltii adda addaa, deeggarsa maallaqa kirpitoo dabalatee, heddu dhiyeessuun beekkama.

Walumaagalatti daldala forex jalqabuuf Brokera sirrii tahe filachuun murteessaa dha. Exness, Fusion Markets, fi FBS daldala forex kee saffisaa fi salphaa gochuun si gargaaru. Itti fayyadamuu dandeessu
No comments yet. Be the first!