Imala daldalaa forex jalqabuun baay’ee tabba guddaa fakkaatee sitti dhaga’amuu danda’a ta'a, keesumaa pilaatifoormiiwanii fi tooftaaleen daldalaa hedduu ta’an waan jiraniif, kamiin jalqaba jechuuf rakkatta ta'a. Jalqabuuf pilaatifoormii fi qajeelfama daldalaa sirrii ta’e argachuun murteessaadha. Exness, faddaala/broker/ daldala forex beekamaa industirii daldalaa kana keessatti, pilaatiformii dhaqqabamaa fi fayyadamuudhaaf mijataa tahe dhiyeessa. Qajeelfamni bal'aan kun waa'ee daldala forex warra Exness irratti jalqabuuf deemtaniif, waan beekuu qabdan hunda keessa isin qajeelcha, amaloota isaa, akkaataa itti jalqabdan, fi barnoota isaa bal'inaan argattu.
Dhuma barruu kanaa irratti, akkaataa daldala forex, Exness irratti jalqabdan irratti hubannoo ifa ta'e qabaattu. Qajeelfama kana tartiiba tartiibaan hamma xumuraatti dubbisuun hubannoo keessan cimsuu dandeessu. Wantoota isiniif hin gallee fi gaafachuu barbaaddan, karaa sanduuqa yaada irraan nuun gahuu dandeessu, isiniif deebisna.
Exness faddaala/broker/ daldala forex fi CFD addunyaa irratti adda duree ta'ee fi pilaatifoormii daldalaa daldaltoota forex haaraa fi buleeyyiif sadarkaa olaanaan tajaajilu dhiyeessuudha. Bara 2008 kan hundeeffame yoo tahu, Exness iftoomina, haala daldalaa amansiisaa, fi teeknooloojii cimaa ta’een maqaa gaarii dhaabbata horatee jiruudha.
Exness 0.0 pips irraa eegalee, komishinii gadi aanaan, raawwii daldalaa/trade execution/ saffisaaan dhiyeessa.
Keessattuu namoota daldala forex keessatti haaraa ta'aniif wantoota murteessoo ta’an keessaa tokko leverage/liqaa dha. leverage jechuun maallaqa faddaalli/broker/ siif liqeessu jechuudha. Exness 1:20 irraa jalqabee hamma leverage daangaa hin qabneetti, kan kennu yoo ta'u, kaappitaala xiqqaadhaan daldaloota garagaraa geggeesuu si dandeesisa jechuudha.
Exness daldala forex pilaatifoormiiwwan MetaTrader 4 (MT4) fi MetaTrader 5 (MT5) jedhaman irratti kan deeggaru yoo ta'u, isaanis pilaatifoormiiwwan daldalli forex bal'inaa irratti geggeefamuudha.
Balaa xiqqeessuu fi kasaaraa kee eeguuf kan oolan mi'oota/tools/ heddu kan dhiyeessuudha.
Exness, FCA, CySEC, fi FSCA dabalatee abbootii taayitaa faayinaansii hedduudhaan kan to’atamu yoo ta’u, iddoo daldalaa amanamaadha.
Akkaawuntii exness banachuudhaaf dursa irratti passport yookiin national id fi teessoo keessan kan ittiin mirkaneesitan(proof of address) dhaaf kan isin barbaachisu statement bank qopheeffachuu qabdu. Erga wantoota kana qopheeffattanii booda qajeelfamoota itti kana hordofuu qabdu.
Also Read
Filannoo koo: Birookeroota Forex sadan ani fayyadamuFilannoo koo: Birookeroota Forex sadan ani fayyadamu

Tartiiba armaan olii kana hordofuun akkaawontii keessan erga banattan booda, daldala forex jalqabuuf eenyummaa keessan /KYC/ xumuruu qabdu. Isaaf immoo National ID ykn Passport qabaachuu qabdu. Maallaqa galchuuf yoo jettan isin gaafatu, suuraa passport ykn national id fi bank statement galchuudhaan xumurtu. Daqiiqaa muraasaa hamma guyyaa tokkootti akkaawuntiin keessan isiniif mirkanaa'a. isinis daldala forex jalqabuu dandeessu jechuudha.

Adeemsa armaan olitti argitan kana hordofuun akkaawontii keessan erga banattii, KYC isiniif mirkaaye booda tartiiba itti kana hordofuu qabdu. Jalqaba irratti account isa dandalaa sirrii tahe banuu qabna. Suuraa armaan gadii kana ilaaluudhaan, iddoo open account jettu tuqna.

Iddoo open account gaafa fuula itti aanu kanatu banama. fuula kana irratti Standard kan jedhu filachuudhaan countinue jenna. Fuula itti aanu kanatu isiniif banama. Fuula kana irratti odeeffannoowwan garagaraatu jira. odeeffannoowwan kanneen guutuu qabdu, pilaatfoormii irratti daldaluu barbaaddan (MT4 ykn MT5) keessaa kan barbaaddan filachuu dandeessan. Iddoo password jedhutti immoo password haaraa, kan akkaawontii exness yeroo bantan filattan irraa adda tahe galchitu. Isa kanaan gara pilaatformiiwwan MT4 fi MT5 keessa seenuuf itti fayyadamtu waan taheef.

Amma akkaawontii daldalaa banattee jirta jechuudha. Akkaawontii kana irratti maallaqa galchuu baasuu dandeessu jechuudha. Maallaqa immoo karaa kiriptoon ykn kaardii baankiin galchuun daldala jalqabuu dandeessu jechuudha.

Exness faddaala pilaatfoormii cimaa fayyadamtootaaf mijaawaa ta'e, eegumsa gahaa waliin kan kennu yoo ta'u, forex jalqabaa jirta taanaan Exness filannoo kee jalqabaa gochuu qabda. Qajeelfama yookiin barruu kanaa waliif jiruun, namoota reefuu forex jalqabuuf eessa irraa jalqabuu qabna jedhaniif galaa kennuu dandeessa.
xumuramee jira, yeroo gaarii qabaadhaa!
No comments yet. Be the first!